Qophii Har’aatin Hubannoo seeraa isin argattan maalii?
qophii kana dhageffattanii gaafa xumurtan
Ü Himannaa sirna gabaabaadhaan dhiyaatu irratti ragaa ittisaa dhiyeessun kan danda’amu bu’ura keewwata 286 tin mana murtiitin yoo eeyyamamee ta’u isaa ni hubattan hubattan.
Ü Ragaa ittisaa dhiyeeffachuuf adeemsi jiru maal akka ta’e ni bartanii?
Ü Ragaa ittisaa dhiyeeffachuuf ulaagaawwan barbaachisan maal fa’a ?
Ü Himatamaan waraqaan waamichaa yeroo qaqqabu kallattiidhumaan raga ittisaa dhiyeeffata moo? miti? gaafii jeedhuuf hubannoo gadii fagaataa ta’e waan argattannif qophii kana hangaa xumuraattii dhaggefadhaa jechaa qophii kana jidduu jiddudhaan sirbbota boharti isinif uman akkanattii qindessinee isiniin genya. Nu Wajjin Tuuraa.
tamsaasa fm waajjira abbaa alangaa godina jimmaa dhaggeffachuuf
1. websaayiitii waajjira abbaa alangaa godina jiimmaa
2. Apple podcast f
3. Itune
4. BBC podcast
5. Google podcast fayyadamuun
6. Marsaririlee podcast ittii tamsaafaman kan biroo fayyadamuun tamsaas kenya dhaggeffachuuf (jimmaa attorney fm jechuun google yoo gootan ykn fm mhaagj jechuun seatch yoo gootan tamsaasa kenya marsariitiilee 15 ol jiran jalatti ni argattuu.)
Walin taanee hojimaataa waajjira kenyaa qaroomsuun dhaqqabamummaa kenya haa mirkanessiinuu jechaa hundii kessanuu ergaa kana fula facebook telegraamaa fi kkf irrattii sher gochuun tamsaasnii kenya nama hedduu biraan akka geettan isinif dhaamna
Hasen Mh Hassen
Abbas Alangaa Godina Jimmaa.
Jimmaa Oromia
Habeas Corpus (Qaama Bilisa Baasuu)
Seensa
Uumama waan hundaa ta’eet jalqaba irraa ka’ee hanga sadarkaa dhummaa qaqqabbutti sadarkaawwan adda addaa keessa darbuun isaa dirqama ta’a.Sadarkaawwan adda addaa keessa yommuu darbu immoo waantoota baay’ee fooyyeessaa itti dabalaa irraa hir’isaa bakka galma isaa gaha jechuudha.
Akkuma dhimmoota biroo adeemsi armaan oliitti taa’e seeraafis kan tajaajilu ta’a.Sababa kanaatin seerotni adda addaa yeroo adda addaa dhimmoota garaagaraa irratti yommuu fooyya’anii bahan arguun qofti raga gahaadha.Waa’een seeraa yommuu ka’u yeroo hunda kan wajjin ka’u waa’ee mirgaati.Kana jechuun hanguma guddini seeraa dabalaa deemu kabajamuun mirga namaas wajjin guddachaa deema.
Akka idila addunyaatti guddina seeraatif ta’ee mirga namoomaatif sanadootni gumaacha guddaa gumaachan baay’ee ta’anus akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1215 biyya Ingiliiziitti kan bahe Maagnaa Kaartaa,Bara 1789 Sanada Mirgootaa Ameerikaa,Diklaareshinii Mirga namoomaa Faransaay bara 1789 akkasumas Konveenshiniin Jeneevaa bara 1864 bahan warra adda durummaadhaan caqasamaniidha.Sanadootni kun egaa guddina seeraatiifis ta’ee mirga namoomaatif dhagaa bu’uraati jechuun ni danda’ama.
Mirgi namoomaa mirga heeraan eegumsi taasifameefidha.Mirgi kun immoo daangaa seeraa taa’een alatti sarbamuus ta’ee mulqamuu hin danda’u.Haa ta’u malee darbee darbee mirgootni kun yeroo seeraan ala sarbaman ni mul’ata.Kunis seeraan ala qabamuun,Seeraan ala hidhamuun akkasumas seeraan ala bakkaa bakkatti socho’uu dhoorkamuudhan.Yeroo kanatti egaa furmaata seerri kaa’e keessaa tokko qaama bilisa baasuu(Habeas Corpus) dha.Kanaaf barreeffama kana keessatti yaadrimee isaa,seenaa dhufaati fi muuxannoowwan biyyoota biro kan ilaalaman ta’a.
wa'ee tamboo ilaalchisee seerrii mal jeedhaa.
sagantaa abbaa alangaa aanaa cooraa bootoor obboo mulugeetadhaan qophaa'ee.
www.mhaagj.org
seensa
Tamboo xuuxuun nama xuuxu irrattis haa ta’uu bakka namoonnii baay’een argamanitti xuuxuun rakkoo fayyaa kan qaqqabsiisu ta’uu odeffannoon madda adda addaa irraa argamuu ni mul’isa(muldhisa).Kana qofaa osoo hin taanee waraqaawwan tamboon itti samsamamu irratti barreeffamni tamboon du’aaf nama saaxilaa, tamboon dhibeewwan kaansariinama qabsiisa jedhu barreeffames kan argamuu yommuu ta’ukun miidhaa tamboon qaqqabsiisuu kan akeekuudha.
Qorannoo Dhaabbani Fayyaa Addunyaa (WHO) yeroo adda addaa taasisuu irratti akka mul’isutti(muldhisutti) namonni miiliyoona 8 tti tilmaamaman sababa tambootiin akka guutuu addunyaatti kan du’an yommuu ta’u kana keessaa namootni miliyoonni 1.2 ta’an namoota hin xuuxnedha.Akkasumas gama diinagdeetin immoo Doolaara Ameerikaa Biiliyoona 500 tilmaamamu miidhaa qaqqabsiisaa jira.Bu’uura qorannoo kanaatiin rakkinootni kun kan uumaman biyyoota guddatanitti ta’us yeroo ammaa garuu sababa adda addatiin biyyoota hin guddanneettis rakkoon kun kan babaldhachaa(babal’achaa) jirudha.Rakkinni kun babal’achuu irraan kan ka’e hawaasni addunyaa tamboo to’achuu irratti ejjannoo walfakkaata akka qabatan tasisee jira.
Yeroo Jalqabatif A.L.Awuropaa bara 2003 Dhabbanii Fayyaa Addunyaa(WHO) tooftaawwan tamboo to’achuuf dandeessisuufi biyyoota miseensa ta’an dirqama irra kaa’u <<Framework convention on tobacco control>> yookiin sanada waligalee tamboo to’achuuf bahee mirkaneesse.Haa ta’u malee waliigaltee kana hojiirra oolchuf mariin kan jalqabame bara 1995 ture.Seenaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kaassatti konvenshiniin kun konveenshinii yeroo gabaaba keessatti hojii irra ooledha.
Biyyi keenyaa Itioophiyaan Guraandhala 25 bara 2004 waligalticha mallatteessiterti .kana buu’uura godhachuudhaan labsiin lakk. 661/2001 kan bahee ta’uus booda irra garuu labsiin Lakk. 1112/2011 bahuu danda’eera. kana qofa osoo hin taanee labsii 661 irratti hundaa’uun Manni marii ministeerotaa dambii lakk. 229/2007 baasuudhaan hojii irra ooluu danda’eeraa.